Password Jabaa Akkamitti Uumna?

Teeknooloojii | Manzara Social | 2026-11-18 23:36:06
Password kee balbala account kee ti. Yoo laafaa ta’e, nama kamiyyuu salphaatti seenuu danda’a. Kanaaf password jabaa uumuun tarkaanfii jalqabaa nageenya of eeggannoo dha.

Password jabaa maal fakkaata?

- Dheerina: yoo xiqqaate mallattoo (karakteroota) 12 fi isaa ol.
- Walitti makaa: qubee guddaa, qubee xiqqaa, lakkoofsa fi mallattoo addaa (fkn. ! @ #).
- Odeeffannoo dhuunfaa hin qabu: maqaa kee, guyyaa dhaloota ykn lakkoofsa bilbilaa hin fayyadamin.
- Jecha baratamaa hin ta’u: “123456”, “password” fi “qwerty” password hamaa dha.

Karaa salphaa: yaada jecha (passphrase)

Jechoota walitti hin dhufne afur ykn shan walitti hidhuun password dheeraa fi yaadachuuf salphaa uumuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf, “Bunaa-Laga-Gaarii-Shaah7!” akkasii. Kana ofiif hin fayyadamin, ofii kee kan adda ta’e uumi.

Dogoggora baay’een raawwatamu:

1. Password tokko account hundaaf fayyadamuu. Tokko yoo hacker’n argate, hundi balaa irra bu’a.
2. Password bakka namni argu irratti barreessuu.
3. Imeelii ykn ergaa sobaa (phishing) keessatti password galchuu.

Wanta dabalataa:

- 2-Step Verification (mirkaneessa lama) banuu: password yoo hacker’n beeke iyyuu, koodii bilbila kee malee seenuu hin danda’u.
- Password manager fayyadamuu: kunis password hundaa nuuf kaa’ee yaadachuu nu hin barbaachisu.

Gorsa nama marsariitii hojjetuuf:

Marsariitii yoo hojjette, password user’ootaa akkuma jirutti (plain text) database keessa hin kuusin. PHP keessatti password_hash() fi password_verify() fayyadami.

← Barruulee hunda